Qoqqobbiin kun oomishaalee anniisaa fi meeshaalee waraanaa Iraanis kan ilaallatuudha.
Wixineen labsii maqaa miseensa mana maree bakka bu'oota uummataa du'aan addunyaa kanarraa boqotan Liinzii Giraaham jedhamaniin kan moggaafame labsiin kun fuula 48 qaba.
Biyyoonni oomisha boba'aa Raashiyaa dhibbeentaa 15 gadi bitan akkasumas kanneen Raashiyaarratti hirkachuu hir'isaa jiran qoqqobbii kana jalaa ni baraaramu.
Qoqqobbiin kun baankii fi jaarmiyaalee faayinaansii Pirezidanti Vilaadmiir Puutin fi aanga'oota olaanoo mootummaa Raashiyaas ni dabalata.