Maqaa Barsiisaa :.
Eebbisaa kumarraa
Gosa Barnootaa   Economics
Sadarkaa Barnootaa Digrii
Sadarkaa Barsiisummaa Barsiisaa olaanaa
Lakkoofsa Sooramaa ____
              Seeensa /Introduction
Barnoota Qulqulliina qabu kennuuf lammii dandeettii fi gahumsa qaban
oomishuun kaayyoo imaammata barnootaa fi leenjii biyyi keenya fi hojii kana
milkaa’aa taasisuuf hirmaannaafi ga’umsi barsiisaa
barbaachisaadha ..kanaaf barsiisaan ga’umsaa isaa fooyyeffachuuf
sagantaa DOW tiin yeroo yeroon hojjechuudhaan adeemsa guyyaa guyyaan
raawwatamu cimsachuun barnoota qulqullinni isaa eeggame kennuun
                 Kaayyoo /objective
      Ogummaa barsiisummaa cimsuufi barumsa qulqullina qabu kennuuf
      Barattoota ga’umsa qabaniifi qabxii barattootaa fooyya’e arguuf
      Lammii naamusa gaarii qabuufi fakkeenya ta’an horachuuf
      Mala baruu fi barsiisuu fooyya’aa ta’etti barattoponni akka gargaaraman
       gochuuf
                 Galma /Goal
      Barataa kutannoofi ga’umsa hojii qabu horachuufi lammii dandeettii waa
       kalaquun dorgomaa ta’e oomishuuf
             Mul’ata/Vision
      Lammii of danda’ee fi hojii uumuu , naamusa gaarii qabu oomishuu fi
       ogummaa barsiisummaa fooyya’e arguudha.
               Ergama /mission
      Qulqullina barnootaa milkeessuuf imaammata mootummaan labse hojiirra
       akka oolu deeggaruufi hordofuudha
Tooftaa Raawwii DOW /method of implement CPD
    Leenjii DOW barsiisota M/B fi barattootaaf kennuu .
    Barattoonni muuxannoo wal irraa akka baran taasisuu
 Fedhii DOW M/B Haaliilaa sad-2ffaa
  1. Qabxii barattootaa fooyyessu
  2. Naamusa barattootaa Fooyyessuu
  3. Mala baruu barsiisuu fooyyessuu
  4. Hirmaannaa barattoota shamarranii jajjabeessuu
  5. Naannoo m/b hawwataa taasisuu
  6. Ga’umsa keessoo Barataa fooyyessuu
    7. GQB qindeessuun hojjechuu
    8. Qabannaa ragaalee
    9. Bulchiinsa gaarii manneen barnootaa keessatti diriirsuu
    10.       Ga’umsaa gaggeessummaa fooyyeffachuu
       Fedhii DOW Dhuunfa
       1. Qabxii barattootaa gosa barnootaa Economics'n fooyyessu
       2. Mala baruu barsiisuu barnoota fooyyessuu
       3. Naamusa barattootaa akka m/bsaatti Fooyyessuu
Karoora Muujula DOW Dhuunfaa 1ffaa
1         Mata duree muujula DOW             Qabxii barattoota gosa
          dhuunfaa duursi kennameef          barnoota Economics akka
                                             fooyya’u taasisuu
2         Jijjirramni arguu barbaadamu       Qabxii barattootaa fooyya’eefi
          maali ?                            dandeetti ga’umsa dareen wal
                                             madaalu dorgomtoota ciccimoo
                                             horachhudha
3         Hirmaattota                         barsiisota ,barattotaa ,Qindeessaa
                                        DOW
4     Haala mijeessitoota               Supparvaayzara, Dura
                                        taa’aa ,barsiisota
5     Muujulli yeroo hagamii fudhata    Sa’aatii 20:00
6     Yeroo itti eegaluufi xumuramu     Fulbaana1 hang Waxabajjii 30
                                        tti
7     Idoo itti raawwatamu              Mana barnootaa     Haliilaa
                                        Sad .2ffaa
8     Leecalloo barbaachisu             Waraqaa,qalama, meeshaalee
                                        barreessaa adda
                                        addaa ,kaameraa ,humna namaa
9     Gosa Waytii xixiqqaa              10.kaayyoo wayittii          Yeroo
                                        xixiqqaa                     itti
                                                                     fudhat
                                                                     u
A     Tiitoriyaalii kennuu .            Qabxiin barattootaa akka     7:00
                                        fooyya’uuf
B    Miseensoota dippaartimantii        Jijjiirrama jiru madaaluuf   3:00
     waliin marii taasiisuu.
 C   Madaalli walitti fufaa ququllinaan Qabxiin barattootaa akka     4:00
     keennu.                            fooyya’uuf
 D   Gaaffileen adda addaa              Dandeettii barattootaa       2:00
     barattootaaf qopheessuun           gabbisuuf
     keennu.
 E   GQB’n akka shaakalan hojii         GQB akka wal cimsaniif       2:00
     garee keennuufi .
 F   Wanta GQB’n shaakalan akka         Dandeettii fi ga’umsa        2:00
     ibsan goochu.                      akka horataniif
Karoora Muujula DOW Dhuunfaa 2ffaa
1     Mata duree muujula DOW     Mala baruu barsiisuu
      dhuunfaa duursi kennameef fooyyessuu
2     Jijjirramni arguu barbaadamu      Mala baruu barsiisuu si’ataa ta’e
      maali ?                          kennuufi barattoota hirmaannaa
                                       si’ataa qaban horachuu.
3     Hirmaattota                      barsiisota ,barattotaa ,Qindeessaa
                                       DOW
4     Haala mijeessitoota              Supparvaayzara, D/Ta’aa, ,Tiimii
                                       JBAH
5     Muujulli yeroo hagamii fudhata   Sa’aatii 20:00
6     Yeroo itti eegaluufi xumuramu    Fulbaana 1 hang Waxabajjii 30
                                       tti
7     Idoo itti raawwatamu             Mana barnootaa Haliilaa sad.2ffaa
8    Leecalloo barbaachisu               Waraqaa,qalama, meeshaalee
                                         barreessaa adda addaa ,humna
                                         namaa,kitaabilee wabii, gaaffilee
                                         shaakalaa,teessoo gahaa
                                         ta’ee,qajeelchaa barsiisaa.
9    Gosa Waytii xixiqqaa                10.kaayyoo wayittii          Yeroo
                                         xixiqqaa                     itti
                                                                      fudhat
                                                                      u
A    Leenjii walii waliini barsiisotaa   Ga’umsa dandeettii mala      7:00
     waliin taasisuu.                    baruu barsiisuu si’ataa
                                         ta’ee horachuuf .
B    Wal gahii barsiisota waliin         Jijjiirrama jiru madaaluuf   3:00
     gaggeessuu.
C    Barattoonni akka himaatan           Si’aayina barataa akka       4:00
     taasiisuu.                          dabaluuf
D    Muuxannoo gaggarii                  Adeemsa baruu barsiisuu      3:00
     qindeessuu                          gara fuulduraa keessatti
                                         iottii fayyadamuuf
E    Daawwannaa daree barsiisota Muxannoo waliirraa                   3:00
     biroo waliin taasiisuu.     fudhachuuf
Karoora Muujula DOW Dhuunfaa 3ffaa
1    Mata duree muujula DOW                    1. Naamusa barattootaa
     dhuunfaa duursi kennameef                    Fooyyessuu
2    Jijjirramni arguu barbaadamu        Naamusni barattootaa fooyya’eefi
     maali ?                             dandeetti ga’umsa dareen wal
                                         madaalu dorgomtoota ciccimoo
                                         horachudha
3    Hirmaattota                         barsiisota ,barattotaa ,Qindeessaa
                                         DOW
4    Haala mijeessitoota                 barsiisota ,muummeewwan ,gorsaa
                                         barsiisotaa,GMBB
5    Muujulli yeroo hagamii fudhata      Sa’aatii 20:00
6    Yeroo itti eegaluufi xumuramu       Fulbaana1 hang Waxabajjii 30 tti
7    Idoo itti raawwatamu                Mana barnoota Haliilaa Sad .2ffaa
8    Leencalloo barbaachisu              Waraqaa,qalama, meeshaalee
                                         barreessaa adda
                                         addaa ,kaameraa ,humna namaa
9    Gosa Waytii xixiqqaa                10.kaayyoo wayittii           Yeroo
                                         xixiqqaa                      itti
                                                                       fudhatu
A    Marii naamusa Baratootawaliin       Jijjiirrama jiru madaaluuf    5:00
     akka gaggeeffamu taasisuu.
B    Baattoonni wal akka deeggaran       Jijiirrama ga’umsaa fi       4:00
     taasisuu                            amalaa akka dhufuuf.
C     Naamusa barattootaaf furmaata      Rakkoolee nu muudatan        3:00
      keennu.                            furuufi Dandeettii
                                         barattootaa gabbisuuf
D     GQB barattootaatin qindaa’uun      GQB barattootaatiin akka     3:00
      rakkoolee m/b battalati furmaata   wal cimsaniif
      kennuu
E     Marii GQB akka adeemsisan          Dandeettii fi ga’umsa akka   5:00
      deeggaruu fi too’achuu             horataniif
MAQAA BARSIISAA QOPHEESSAA DOW :. Eebbisaa kumarraa
GUYYAA ______________________________
MALLATTOO __________________________
MAQAA BARSIISAA QINDEESSAA DOW __________________________________
GUYYAA __________________________
MALLATTOO______________________
                          Chaappaa mana barumsaa
Gorsa hadhaa
      Kamisa heerumanii
     Jimaata galuun kolfaa
     Argaa nama balleessa
    Akka dhukkuba golfaa!.
      Bultiin hin jijjiiramu
       Akka dallaa loonii
        Bulee hin alaa'u
       Akka nyaata foonii
     Ilma abbaa qabeenyaa
      Yoo ta'es ilma mootii
      Utuu kol...kol..jechaa
     Hin ba'in mana kootii
     Gorsa koo dhageefadhu
      Tarii bor si fayyadaa
    Qaroominaan nyaatamtee
    Hin gatin safuuf aadaa!.
    Jaalalli duruma dur jira
    Wanti haaraan hin baane
     Anis jaalladheen darbe
    Garuu akka kee hin taane
     Dhiira kudhan jijjiiree
   Kukkutee hin ganne safuu
     'Facebook' fayyadamee
       Sa'atii 9n hin rafu.
     Atis mee yaa dhala ko
      Wanti ani siin jedhuu
   Cabdee karaatti hafuu kee
   Dhugaa rabbiiti hin fedhu!
     Fuula dhiiraa ilaaltee
     Of hin guggubin tiruu
    Dhiira kudhan jaallatteef
Abbaan manaa kudhan hin Jiruun.
  “An siifan dhaladhe
  Atis naaf uumamtee
  Onnee koo gubbaatti
Jaalalaan 'shuumamtee'
 Qabeenyaan sin jijjiiru
   Ani sodaa rakkinaa
Walumaan nama taanee
  Bor qananii arginaa
Shiroo nyaannee jiraanna
 Sin gaafadhu bargarii
  Laga tokkoo burqine
Yoomuu-n baanu gargari!
Yaa hiree dhuunfaa kootii
            Kan ganamaaf galgalaa
               Sijalaa qofa banti
            Onneen koollee balbala
           Gar-tokkee qaama kootii
            Tokkicha haga kumaa
              Si woliin qofa beeki
           Jiruunkoo hanga dhumaa
           Ejjannnoon koo jabaadha
           Qilleensillee nan raasuu
           Waadaadha! du'a malee
         Homtuu gargar nun baasuu”
          Jettee naaf seentee turteem
             Kakattee galtee irbuu
Har'a maaltu fideree?~waadaa naaf galte diigdee
            Orma jaalattee sirbuu?
           Osoon “kooti” siin jedhee
            Mataarratti si baadhuu
           Dhangaa jaalala dhugaa
          Waakkii malee siif laadhuu
             Dhagaa jirmatti bu'ee
Of cabsee, of funuunsee
 Akka dhala dhabaatti
  Ofirra si kunuunsee
Osoon si gammachiisuuf
Ofiif gaddee laaladhuu
 Of gatee siif jiraadhee
  Ofirra si jaaladhuu!
 Biqiltuu jaalalaa koo
Kichummaatti kolaaftee
Maaf dugda natti galtee
Imimmaan koo lolaafte?
           Egaa....!
 Erga deemtee tolekaa
 Iyyus bu'aa hin qabuu
Kanan sirraa dhabellee
Rabbiin biraa hin dhabu
 Har'a na madeessitus
 Waliin turre kaleessa
 Na ganteef sin abaaru
 Sin eebbisa maleessa
             Jiruun sitti haa tolu
            Gammadiitii milkaa'i
            Umuriidhaan jaariitii
             Biyya lafaarra taa'i
              Akka qaroo ijaatti
            Hunduu sihaa laallatu
              Kan ati filatte sun
            Naa'ol sihaa jaallatu
           Madaan jaalala dhugaa
           Har'a na baasus kophaa
Nan amana gaaf-tokko~kan har'a siif roobe kun
            Naafis inuma copha!
         Gantummaa keetiin gargar..
           Cabnus akka dhagaatti
         Hamaa keemmoo hin fedhu
           Sitti haa tolu, nagaattii
                    ✍️... ❤️