0% found this document useful (0 votes)
79 views9 pages

Bible Study

Study bible

Uploaded by

Miìlàá Bà
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOC, PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
79 views9 pages

Bible Study

Study bible

Uploaded by

Miìlàá Bà
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOC, PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 9

Bible Study

Day 3

HoE 2:1-13

Qorannaa keenya kutaa kanaan duraa haa yaadannu! Yeroo hundumaa qorannaa Haaraa utuu
hin jalqabin kutaawwan kanaan duraa keessatti qabxiiwwan kaasne yaadachuu qabna. Namni
garee Qorannaa Macaafa Qulqulluu kana geggeessaa jiru miseensota garechaatiif gaaffii haa
dhiyeessu.

Qorannaa Har'aa

● Qabxiilee Xiyyeeffannoo(Key 🗝 points)

Ayyaanota;

Akka Aadaa fi Waaqeffannaa warra yihudotaatti ayyanonni bebbekamoon sadiitu jiru.

1. Ayyaana Faasikaa: Ayyaanni Faasikaa Yihudotaan akka lakkoofsa ji'a isaaniitti ji'a Niisaan
gaafa guyyaa kudha afuraffaa kabajama. Ayyaana kanaan Yihudonni gargaarsa Waaqayyootiin
Biyya Gibxii keessaa ba'uu isaanii yaadatu. Kunis dha'icha biyya Gibxiitti dhufe jalaa ooluuf
dhiiga hoolaa mudaa hin qabnee yihodonni hundinuu balbala mana isaaniitti akka buufatan
Waaqayyo saba sanatti himnaan ergamaan du'aa sun angafoota biyya Gibxii keessaa rukutee
fixee balbala warra yihudotaa bira darbe. Kanaaf Faasikaa jechuun bira darbuu hiika jedhuun
ayyaneffatamuu eegale. Ba'u 12:1 1Qor 5:7

2. Ayyaana Makarii: Ayyaanni kun ayyaana Faasikaa booddee guyyaa shantamaffaatti


ayyaaneffatama. Ayyaanichi isa warri Ibirootaa guyyaa qamadii itti galfatan
ayyaaneffatanuudha(Ba'u 23:16; 34:22 Lak 28:26). Kunis isa booddeerra ayyaana
pheenxeqoostee jedhamee waamamedha. Pheenxqoostee jechuun jecha afaan Giriikii irraa
fudhatame yoo ta'u hiikaan isaa shantammaffaa jechuudha( HoE 2.1).

3. Ayyaanaa Gordommaa: ayyaanni gordommaa ayyaanota gurguddoo yihudota biratti


kabajamu keessaa isa tokkodha. Innis jalqaba waggaa haaraa irratti yookiis dhuma waggaa
irratti guyyoota torbaaf ayyaaneffatama. Ayyaanichis guyya saddeet guutuuf ayyaaneffatama.
Sabni Isiraa'el biyya Gibxii keessaa yommuu ba'e godoo keessa akkuma jiraachaa ture ayyaichis
sana yaadachuuf godoo keessatti ayyaaneffatama(Kes16:13-15).

Qilleensa (bubbee)

Hafuurri Qulqulluun qilleensa keessaan akka bubbee bubbisuutti dhagaa'ame. Akka Afaan
Hibiruu fi Giriikiitti qilleensii fi Hafuurri hiikaa wal fakkaata qabu. Kakuu Moofaa keessatti
qilleensi fakkeenya Hafuura Qulqulluuti(His 37፡9፤ 14፤ Yoh 3፡8).

Ibidda

Yohaannis Cuuphaan Inni isa booddee dhufuuf jiru(Kristoos) Ibiddaan akka cuuphu dubbaatee
ture(Mat 3:11).

Kakuu moofaa keessatti ibiddi mallattoo argamuu Waaqayyooti.

Uma 18:2 His 1:27; 8:2 Mul 1:14-15

Bishaan

Bishaan kakuu moofaa keessatti mallattoo qulqullaa'uuti. Nyaata isaanii fi mi'oota garaagaraa
bitan hundumaa bishaan itti naquun qulleessuu(Lew 19). Kakuu haaraa keessattis bishaan
mallattoo lammaffaa dhalachuuti(Efe 5:26; 1Yoh 5:5-8).

Namoonni hundinuu Hafuura Qulqulluudhaan Guutamuu Isaanii

Huursaa waaqa irraa dhaga'ame sanaa fi wanta akka arraba ibiddaa namoota hundumaa irra
bu'een namoonni hundinuu Hafuura Qulqulluutiin guutaman. Hubadhu! Hafuurri Qulqulluun
Kakuu haaraatti guyyaa gaafa pheenxeqoostee bu'e namoota hundumaatiif kenname. Kana
booddee jireenyi isaanii in jijjiirame. Waa'ee Kristoos lallabuu jalqaban. Sodaan in hafe. Humnaa
fi aboo Hafuurri Qulqulluun isaaniif kenneen tajaajiluu eegalan. Hafuurichi in jijjiira; ija kan
kennuudhas(Gal 5:22-23).
 Egaa, har'a namoonni baay'een Hafuura Qulqulluu fudhatanii jireenya jijjiiramaa
jiraachuu kan dadhaban maaliif?

Afaan Haaraa

Namni gurmuu kana geggeessitu, mee waa'ee Afaan Haaraa irratti hubannoo namoonni
Macaafa kana qoratan qaban gaafadhu!

Waa'een afaan Haaraa kan jalqabe kutaa kana keessatti. Afaan Haaraa namoonni Hafuura
Qulqulluun guutaman argatan kun immoo afaan namoonni biyya garaagaraa irraa dhufan
dubbatan ture. Isaan akka qooqa qooqa namoota hundumaatti afaan isaaniitiin itti dubbatan.
Kun immoo namoonni biyya garaagaraa irraa walitti qabaman kun sagalee misiraachoo sana
akka dhaga'aniif hojii Waaqayyoo isa dinqisiisaa ture.

Har'a afaan haaraan Waldaa Kristaanaa keessatti dubbatamu afaan haaraa isa namoonni kun
dubbatan irraa adda. Caalaatti waa'ee Afaan Haaraa fi akka inni Waldaa Kristaanaa keessatti
hojii irra ooluu qabu Ergaa Warraa Qoronxoos isa jalqabaa ilaali(1Qor 14:2-25).

Day 4

HoE 2: 14-41

Qorannaa keenya kutaa darbee keessatti qabxiiwwan kaasne haa yaadannu!

Lallabni Pheexiroos kutaa kana keessatti argannu fakkeenya yookiis moodela lallaba kakuu
Haaraati. Giddu galeessi lallaba Kakuu Haaraa eenyummaa Kristoos Waaqayyo abbaa biraa
ergamee dhalachuu, du'uu, du'aa ka'uu fi gara mirga Waaqayyo abbaatti ol fudhatamuu isaa
kan ibsudha. Lallaba ulaagaa kana hin guunne kamiyyuu fudhachuun rakkisaadha.

Qabxiiwwan gurguddoo lallaba Pheexiroos

1. Macaafa Kakuu Moofaa wabeeffate.


Yihudota keessatti Macaafonni kakuu moofa, macaafni seeraa fi macaafni Raajotaa
baay'ee beekamaadha. Keessattuu warri barsiisota seeraa jedhaman macaaficha waan
beekaniif waan isa keessatti barreeffame eegaa turan. Luq 24:25-26. Yesuusis waan
kakuu moofaa keessatti barreffameef xumura ta'eera.
Kanaaf Pheexiroos Macaafa Kakuu Moofaa kana wabeeffatee dubbachuun isaa
namoonni isa dhaggeeffataa jiran sun akka wanta inni dubbatu hubatanii fi amanan
gargaareera.
2. Yesuus fedha abbaa isaatii raawwachuu isaa
Waaqayyo ilmaan namaa fayyisuudhaaf ilma lsaa isa tokkicha erge. Yoh 3:15 . Kun
immoo jaalala Waaqayyooti. Rakkinni yeroo dabarfamee kennamuu isaa irra ga'ee fi
dhiphinni fannoo irratti hundinuu jaalala abbaa isaa isa waaqa irraa ture. Harka warra
isatti ga'isaniitti dabarfamee kennamuun isaa humna waaqummaa isaatiin of oolchuu
dadhabee miti. Akeeka biyyaa lafaatti dhufuu isaa yaadachuufi. Luq 22: 42
Yesuus akeeka biyya lafaa dhufuu isaa iddoo Inni itti dubbate. Luq 4:18-19;
3. Yaada Garaa geeddarannaatti isaan waame.
Namoonni Phesxiroos itti lallabe sagalecha dhaga'aanii lapheen isaanii baqaqe. Waan
Pheexiroos dubbateen moo'aman. Hafuurri Qulqulluun Pheexiroos irra waan dhufeef
dubbiin inni dubbate lafa hin buune. Namni gaafa Hafuura Qulqulluun guutamee, isaanis
geggeeffamee tajaajilu tajaajilli isaa kan ija godhatu ta'a.
Lallabni Pheexiroos kun namoota gara yaada garaa geeddarannaatti waamuu ture.
Yaadni garaa geeddarannaan tarkaanfii Kristaanni Kristoositti amane tokko fudhachuu
qabudha.

Day 5
Kutaa Qorannaa HoE 2:42-47
Qabxiiwwan gurguddoo kutichaa

Barsiisatti qabamuu
Macaafni kakuu haaraa yeroo kanatti waan hin barreeffamneef Ergamoonnii fi
amantoonni jalqabaa akkuma namoota bara kakuu moofaa Macaafa Kakuu moofaa qofa
qabu. Macaafni kakuu haaraa bifa barreeffamaan yoo hin qindoofne iyyuu humna
hafuura Qulqulluutiin waa'ee du'uu, du'aa ka'uu fi gara mirga Waaqayyo abbaatti ol
fudhatamuu Kristoos ergamonni barsiisaa turan. Tajaajilli ergamoota kan irratti
xiyyeeffate sagalee kana barsiisuu ture. Namni hammuma nyaate akka jabaatu waldaan
Kristaanaa bara akka keenya har'aa kana keessatti cimininaan sagalee Waaqayyoo yoo
barsiifamte male hin jabaattu. Barumsi walitti fufaa fi sagalee Waaqayyoo giddu
galeeffate waldaa kristaanaaf kennamuu qaba. Kristaannis taa'ee barachuu qaba.
Tokkummaa cimaa
Waldaan Kristaanaa kutaa kana keessatti ibsamte waldaa kristaanaa ishee anagafaati.
Bu'uu Hafuura Qulqulluu booddee waldaan dhalatte kun akkuma angafummaa isheetti
amaloota ittiin beekamtu qabdi. Kunis amantoonni ishee keessa jiran tokkummaa jabaa
ta'e qabaachuu isaaniiti. Amantoonni kun yeroo hundumaa cimsanii kan waliif yaadan,
kan wal gargaaran, kan wal jabeessan fi caalchisanii kan waliif kadhatan turan. Yaadni
garaa isaanii waan tokko irratti waliif gala.
Buddeena waliin cabsachuu
Buddeena waliin cabsachuun kan eegalame guyyaa irbaata gooftaa jedhamee beekamee
eegaleeti. Yeroo kana irraa jalqabee akka 1Qor 11:17-34 irraa arginutti amantoonni
waldaa kristaanaa ishee jalqabaa keessa turan waaqeffannaa dilbataaf manaa manatti
yeroo walitti qabaman hundumaatti buddeena waliin cabsatanii nyaachuun beekamaa
ture. Irbaata gooftaas akkasumatti fudhachaa turan.
Kadhachuu
Yesuus bartoota isaa bira yeroo turetti irra deddeebi'ee kadhachuu akka qaban itti
himaa turuyyuu bartoonni cimanii kadhachuu hin dandeenye turan. MR 14:32-42; Luq
22:39-46. Amma Hafuura Qulqulluu waan fudhataniif garuu yeroo hundumaa cimanii
kadhachaa turan. 1:14,25; 3:1
 Mee gareedhaan barbaachisuummaa kadhanni jireenya hafuuraa keessatti qabu
irratti mar'yadhaa. Jireenyi kadhannaa keetii maal fakkaata hiryoota keetti himi?
Gaaffii
1) Waa'ee waldaa kristaanaa ishee jalqabaa yommuu qorattu waldaa ishee har'aa
wajjin maaltu adda taasisa jettee yaadda?
2) Addaa addummaa kan qaban yoo ta'e addaa addummaa kana maaltu uume?
3) "Amantii fi jireenyi kristaanummaa dhugaan dur male har'a maaltu jira" jecha jedhu
dhageessee beektaa? Yoo dhageesse beekte yaadicha akkamitti ilaalta?
4) Ofii keetii akka kristaana tokkootti ati amantoota jalqabaa kana irraa maal baratta?

Day 6

HoE 3:1-10

Pheexiroos fi Yohaannis

Kutaa darbe 2:43 keessatti dinqiinii fi milikkitoonni baay'een harka ergamootaan hojjetamuu
ilaallee turre. Kutichi dinqii fi milikinni hojjetamuu isaa hima male dinqiin maalii akka hojjetame
hin ibsamne. Kutaa qorannaa keenya har'aa keessatti garuu dinqii karaa bartoota lamaan
Waaqayyo hojjete argina. Innis ibsa HoE 2:43 fakkaata. Tajaajilli kunis tajaajila Yesuus Kristoos
jalqabe ture. "Warra anatti amanan birattis milikkitoonni kun in argamu; warri anatti amanan
kun maqaa kootiin hafuurota hamoota in baasu, afaanota haaraadhaanis in dubbatu*. Ergasii
bartoonni dhaqanii iddoo halletti lallaban; gooftaan immoo isaanii wajjin hojjete, dubbichas
milikkitoota argamaniin in cimse. Maarqos 16:17, 20

Bartoonni kun( Pheexiroos fi Yohaannis) humnaa fi aboo Hafuura Qulqulluu argataniin hojii
jalqaban itti fufuu isaani hubanna (HoE5:12). Walitti dhufeenyi isaan gidduu jiru yeroo du'aa
ka'uu dura iyyuu tureera. Namoota walitti dhiyeenya cimaa qabaniidha. Mat 17:1, Yoh 20:2.
Kutaa kana keessaattis walii wajjin gara mana qulqullummaa isa gaara mooriyaa irra jiruutti
sagadaaf deemaa turan. Manni qulqullummaa gaara mooriya irra jiru kun isuma dur yihudonni
amantii yihudotaa hordofan itti walitti qabaman ture.

Namichi naafa ta'e kun immoo yeroo hundumaa balbala sana dura taa'ee kadhata. Namoonni
rakkina qaban balbala mana qulqullummaa dura ta'aanii kadhachuun beekamaa ture(Yoh 9:8).
Har'a mana sagadaa Ortodoksii balbala ta'aanii akkuma kadhatan jechuudha.
Balbala miidhagaa

Mana qulqullummaa yihudotaa isa gara keessatti kan ol galchu balbaloota sagaltu (9) jiru. Isaan
keessaa tokko immoo isa "balbala miidhagaa" jedhamee beekamuudha.

Maqaa Yesuus Kristoos nama Naazireetiin

Yesuus yommuu bartoota barsiise dubbii "Gaafas isin homaa ana hin gaafattan; dhuguma,
dhuguman isinitti hima, waanuma isin maqaa kootiin isa kadhattan abbaan isiniif in kenna"
jedhu itti dubbatee ture. Yoh 16:23; Yoh 14:13-14; 15:16;

Maqaan ittiin fayyamu maqaa Yesuus Kristoos qofa(HoE 4:12). Maqaan "Yesuus Kristoos nama
Naazireet" jedhamee kennameef kun maqaawwan isaan biroo irraa adda kan taasisuudha.
"Yesuus"yookiis "Iyaasuu" jechuun maqaa hiika walfakaataa "Fayisaa" jedhu qabuu fi namoonni
baay'een ittiin waamaman ture. "Yesuus" kan jedhu kanatti kan dabalame "Kristoos" kan jedhu
yoo ta'u, jecha afaan Giriikii hiikni isaa "Isa dibame" jedhuudha. "Kristoos"jechuun afaan
Ibirootaatti immoo "masiihii" jedhamee waamama. Maqaan kun maqaa ulfinaa ta'udhaan
maqaa dhalootaa Yesuusitti dabalamee kennameef. Nama Naazireet kan jedhameefis Yesuus
masiihii inni jedhame kun Yesuus Isa Naazireetiin keessa jiraata ture jechuudhaan namoota
maqaa kanaan waamaman kan biraa irraa adda baasuuf ture.

Pheexiroos namicha naafa kana qofa xiyyeeffatee maaliif ilaale?

Bartoonni lamaan ijaan isa qaban. "Ijaan isa qaban" jechuun maal jechuudha? Tajaajilli hunda
caalu namoota miidhamaniif rakkatan yommuu arginu o'uufiidha. "Ijaan qaban" jechuun
qalbeeeffatanii nama kana ilaalan, in o'aaniif yookiis immoo in gaddaniif jechuudha. Waan
kennan waan hin qabneef akka waan namicha hin argineetti darbuu danda'u turan. Garuu
o'aaniifii waan harkaa qaban Isa waan hundumaa caalu harka isaanii keessa qaban Maqaa
Kristoos Yesuus kennaniif. Ati'oo gaafa nama rakkate argitu maal goota? Namichi achi taa'ee
kadhatu sun tarii namoota kadhatan kan biraa wajjin jiraachuu danda'a. Pheexiroos addatti
namichaan "ija koo keessa ilaali" jedhe. Kun tarii mallattoo Waaqayyo yeroo sanatti isaaf kenne
ta'uu danda'a.
Tajaajilli Pheexiroos faa har'a utuu ta'ee maal ta'aa jettee yaadda? Tajaajiltoota har'aa wajjin
wal bira qabii ilaali.

Tajaajilli waldaa kristaanaa fi waldaa dhuunfaa har'aa keessatti ademsifamaa jiran baay'een
tajaajila beeksisaa(promotion) fakkaatu. Tajaajiltoonni baay'een akkuma nama faabirikaa
saamunaa oomishe beeksifachuuf beeksisa(promotion) hojjetuu ta'aaniru. Waaqayyo araara
isaa nuuf haa buusu, gara hubannaattis nu haa geessu!

Guyyaa 7ffaa

HoE 3:11-26

Gardaafoo Solomoon

Gardaafoo Solomoon jedhamee kan beekamu ijaarsa tuggee(utubaa) jalaa fi bantii ijjeeramaa
gubbaa irraan qabu gaaddisa isaa jala taa'uuf, adeemuuf kan ta'uudha. Innis oobdii mana
Qulqullummaa Yerusaalem keessa gara ba'a biiftuutiin gidduu balbala Suusaanii fi Suluula
Yooshaafaxitti argama. Solomoon isa kanarra waan deddeebi'uuf Gardaafoo Solomoon
jedhamee waamama(1Mot 6:3).

Dinqifannaa namootaa fi deebii Pheexiroos

Namoonni namicha naafa fayye argan hundinuu dinqifachaa gara isaaniitti fiigan. Dinqifannaa fi
fiigichi isaanii kun dinqii Pheexiroos fi Yohaannis godhan itti fakkaateeti male waa'een isaa
isaaniif hin galle ture. Tarii dinqiin ta'e kun namichi naafa ta'ee dhalate kun umurii waggaa 40f
naafummaa isaan waan jiraateef in fayyaa namni hin yaanne. Pheexiroos garuu humna ofii
isaaniitiin akka hin taanee fi ulfinni isaa kan Waaqayyoo akka ta'e jabeessee itti hime. Inni
waa'ee ofii isaanii dubbachuu irra waa'ee Kristoos lallabuu filate. Maqaan Kristoos male
maqaan isaa akka leellifamu hin barbaanne. Har'a iddoo baay'eetti kan mul'atu maqaa
bishaanii, zayitii, moofaa namaa male maqaa Kristoos dha'uun hafaa dhufeera. Namootaaf
hamma lafa ga'aanitti qoomma'uun jalqabeera.

Pheexiroos fi tajaajiltoota bara kanaa wal bira qabii ilaali.

You might also like