Idiom in Afaan Oromo
Examples of Oromo idioms:
-“Koomee irra nama dhaabbachuu/ijaajjuu“, its literal meaning is to stand on someone’s heel,
but its exact meaning is to make one hurry up.
-“Quba qabaachuu“, its literal meaning is to have a finger, but its exact meaning is to have an
idea about somebody or something.
1. Rifeensa arraba irraa buqqisuu ” – jechuun, taajjabuu jechuudh
Fakk. Yoo ani sobe rifeensa arraba koo irraa buqqisi.
2. “Karaan dudda indaaqqoo ta’u” – jechuun, solola’uu, rakkina malee deemuu
jechuudha.
Karaan ati deemtu dudda indaaqqoo siif haa ta’u.
3. “Quba qabaachuu” – jechuun, oduu wayii beekuu jechuudha.
Oduu jiru quba qabdaa laata?
4. ”Harkaan adeemuu”– jechuun, hanna jechuudha.
Namicha sana harkatu adeema jedhanii hamatu.
5. ” Lafee mormatti rakkate ” – jechuun, waan murteessuun isaa nama rakkisu
jechuudha.
6. “ Koomee irra ijaajjuu ” – jechuun, ariifachiisuu, sarduu jechuudha.
Maaloo koomee irra na hin ijaajjin.
7. ” Waaqa fi lafa waamuu ” – jechuun, kakachuu jechuudha.
Maaloo, akkasumaan Waaqa fi lafa hin waamin.
8. ” Harka qalleesa/-ttii ” – jechuun, iyyeesa/-ttii jechuudha.
Maaloo, namicha/-ttii harka qalleesa/-ttii sana gargaaraa .
9. “ Muka qilleensi raasu ta’uu ” – jechuun, dhaabbii dhabanii, asi fi achi xawalwaluu
jechuudha.
Ati maaliif akka muka qilleensi raasuu taataa ?
10. ” Hibboo ta’uu ” – jechuun, danqaa, rakkisaa ta’uu jechuudha.
11. ” Arraba dheerachuu ” – jechuun, nama itti darbuu, nama tuquu jechuudha.
Fakk. Wez. Amelewerk baayyee arraba dheeratti.
12. “Afuura baduu ” jechuun, oduun, waa’een namaa baduu jechuudha.
Maal, ji’a lamaan darban kana afuurri kee maaliif bade ?
13. ” Abidda furaa/saafaa ta’uu ” jechuun, hammaachuu, to’atamuu diduu jechuudha.
Lunni araarsaa argate abidda furaa/saafaa ta’a.
14. ” Abidda fi cidii ta’uu ” jechuun, caalaatti walitti hammaachuu, farroomuu jechuudha.
Warra duraan fira turantu abidda fi cidii walitti ta’e.
15. “ Afaan nama gossuu ” jechuun, hedduu haasa’uu, wasanbaruu jechuudha.
Dubbiin namicha sanaa afaan nama gossa.
16. “ Afuura namaa qabaachuu ” jechuun, oduu namaa beekuu jechuudha.
Maaloo afuura Dafinee qabdaa ?
17. “ Aduu duummessaa baate ta’uu ” jechuun, rakkinaa ega ba’anii hammaachuu
jechuudha.
Iyyeesi soorome akka aduu duummessaa baatee, nama hin ilaallatu.
18. “ Arraba/afaan darbuu ” jechuun, arraba dheerachuu jechuudha.
Waaqaa jedhii, maaloo arraba/afaan nama itti hin darbin.
19. ” Arraba lama dubbachuu ” jechuun, waan wal faallessu dubbachuu jechuudha.
Maali namichi hin saalffane kun, arraba lama dubbataa ?
20. ” Achi kaattii/buutee baduu/dhabamuu ” jechuun, cala’uu, dhidhimuu jechuudha.
Sangaan keenya achi kaattii/buutee bade/dhabame.
21. ” Ayyaanni nama irraa balleesuu ” jechuun, naasuu, rifaatuu cimaa jechuudha.
Sagaleen waraabessaa ayyaana nama irraa balleesa.
22. “ Ayyaana namaaf kadhachuu dhiisuu ” – jechuun, sossobuu, shooshiluu dhiisuu
jechuudha.
Fakk.: Ijoolleen ayyaana kadhanaaniif ittuu caalti.
23. ” Afaan guutanii dubbachuu ” – jechuun, ofitti amananii dubbachuu jechuudha.
Tolaan hojii isaa waan beekuuf afaan guutee dubbachuu dadhabe.
24. “ Akka dhufaniin/dhaqaniin deebi’uu ” – jechuun, harka duwwaa deebi’uu jechuudha.
PM Onkolon Awuropaa irraa gargaarsa dhabee akkuma dhufetti deebi’ee gale.
25. ” Akka bokkaa arfaasaa ” – jechuun, waan tasa ta’u jechuudha.
Keessummaan akka bokkaa arfaasaa nurraan ba’e.
26. ” Bishaan dhagaa irrati naqame ta’uu ” – jechuun, waa nama itti dhagaamuu dhiisuu
jechu.
Namicho, waa sitti himuun bishaan dhagaa irrati naquu jechuudha mitii ?
27. ” Bitaa nama itti galuu ” – jechuun, danqaa fi rakkisaa nama itti ta’uu.
Dubbiin bitaa isatti gale.
28. ” Baanqaa buusuu ” – jechuun, iyyuu, caraanuu jechuudha.
Guulloo xinnoo tokkotu banqaa buusee Hambisaa naasise.
29. ” Boolla namaaf qotan ofii seenuu ” – jechuun, kiyyoo tokkoof kiyyeesan ofii lixuu
jechu.
Nami boolla namaaf qotu ofumaaf lixa.
30. ” Bishaan fi midhaan namaaf baasuu ” – jechuun, egeree gaariin namaaf ba’uu
jechuudha
Waaqayyo bishaan fi midhaan siif haa baasu.
31. ” Dubbii bukkee naanna’uu ” – jechuun, ifa baasuu dhiisuu, jechuudha.
Dubbii bukkee naanna’uu dhiisii ifa baasii dubbadhu.
32. ” Burraa karrayuu ” – jechuun, qabaa dowwachuu jechuudha.
Lunni araarsaa argate burraa karrayuu jedha.
33. ” Baala waa irra buusuu ” – jechuun, beekaa dubbii ukkaamsuu jechuudha
Aanga’ooti biiroo keessaa dhimma namaa irra baala buusuu jaallatu.
34. ” Biyyoo uffachuu/nyaachuu ” – jechuun, baduu, hojiidhaa ala ta’uu jechuudha.
Manni sun caccabee biyyoo uffate.
35. “ Bubbee ta’uu ” – jechuun, oduu facaasuu, firfirsuu jechuudha.
Namittii bubbee kana attamuma godhu laata yaa Waaqayyo.
36. ” Buufaa buufuu ” – jechuun, hedduu sobuu, afuufuu jechuudha.
Namicha ganda keessa deemee buufaa buufu kana akkam godhu laata.
37. ” Bishaan waa itti naquu ” – jechuun, baala waa irra buusuu, dhiduu jechu.
Maaloo ati dubbii namaa itti bishaan hin naqiin.
38. ” Cagginoon namatti ka’uu ” – jechuun, qaracaan namatti ka’uu jechuudha.
E’ee, gaafa cagginoon kee sitti ka’u akka inni si godhu hin beekan !
39. ” Dudda waliihooquu ” – jechuun, wal gargaaruu jechuudha.
Israa’el fi Ameerikaan dudda waliihooqu.
40. ” Damma fi aannan walitti ta’uu ” – jechuun, waliigaluu, walifudhachuu jechuudha.
Waaqayyo damma fi aannan isin haa taasisu.
41. ” Dalga namatti galuu ” – jechuun, danqaa, wallaalchisaa ta’uu jechuudha.
Haalli bara har’aa dalga namatti galee jira.
42. “ Duruu durii…………….. ” – jechuun, isa durii caalaa fooyya’uu, ykn immoo
hammachuu jechu.
Duruu durii `bareedde bareedde jennaan mucaan ija babaafte`.
43. ” Dubbii nyaachuu ” – jechuun, dubbii kokkotuu, xaxuu jechuudha.
Nami dubbii nyaatu rakkina uuma.
44. ” Damacaa gidduu galuu ” – jechuun, waa lama gidduutti qabamanii rakkachuu
jechuudha.
Gibxiin damacaa Ameerikaa fi Rusiyaa gidduutti rakkachaa turte.
45. ” Dudda fi garaa ta’uu ” – jechuun, walidhabanii gama fi gamana goruu jechuudha.
Biyyooti lamaan dur dammaa fi aannan turan, amma dudda fi garaa ta’an.
46. ” Dubbii xaxuu ” – jechuun, dubbii jallisuu, micciiruu jechuudha.
Dubbii xaxuun rakkina fida malee ballina hin fidu.
47. ” Dubbiin morma nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra ga’uu
jechuudha.
Dubbiin namicha buufa buufuu sun morma nama ga’ee jira.
48. ” Dubbiin funyaan nama ga’uu ” – jechuun, dubbiin guddatee daangaa irra darbuu
jechuudha.
Dubbiin namicha bubbisuu sun funyaan nama ga’ee jira.
49. ” Dibaa galagalchuu ” – jechuun, rakkina, walanee darbe kaasuu jechuudha.
Rakkini jiruyuu nu ga’a, mee atimmoo dibaa gala hin galchiin.
50. ” Dubbiin bishaan inkoolaa ta’uu ” – jechuun, quubsuu dhiisuu, ga’aa ta’uu dhiisuu
jechuudha.
Sababi obbo Barkeessaan dhiiyeese hamma bishaan inkoolaati.
51. ” Ciimmaa qeerransaa ta’uu ” – jechuun, dhabamuu, yaallooti kan hin argamne
jechuudha.
Bara gandiin saawwa fixe, dhadhaan ciimmaa qeerransaa ta’ee ture.
52. ” Dhadhaa abidda bu’e ta’uu ” – jechuun, waan darbe, kan hin deebine jechuudha.
Wanti ati dubbatu kun hamma dhadhaa abidda bu’eeti. Raawwateera !
53. ” Dhinbbiibaa ta’uu ” – jechuun, dubbii, iccitii qabachuu dadhabuu jechuudha.
Nami dhinbbiibaan akka bubbee waa hunda firfirsa.
54. ” Dhallaaduu bishaan keessaa ta’uu ” – jechuun, dhaabbii cimaa dhabuu, asi fi achi
raafamuu jechu.
Ati yoom akka dhallaaduu bishaan keessaa asi fi achi jechuu dhiiftaa ?
55. ” Fuula kennuu/dhowwachuu ” – jechuun, faara, haala kennuu/dhowwachuu jechuudha.
Hambisaan obboleettii Belay fuula dhowwatee ture.
Garuu isheen Hambisaaf fuula laattee turte.
56. “ Foon lafa bu’e ta’uu ” – jechuun, dubbii lixuu, rakkina ofitti fiduu jechuudha.
Ofumaan dhaqxee foon lafa bu’e of goote mitii ? Amma argikaa !
57. ” Gogaa harquu ” – jechuun, rakkina hin jirre wowwaachuu jechuudha.
Warri abbaaqabeenyaa kasaarre jedhanii gogaa harqu.
58. ” Gurra qeensuu ” – jechuun, yaada guutuudhaan, miiraan dhaggeefachuu jechu.
Lubeen takka takka Gaara Qorkee irra dhaabbatee qurra qeensitee dhaggefachaa turte.
59. ” Garaa ballachuu ” – jechuun, obsuu, cinniinachuu jechuudha.
Garaa ballachuun bu’uura furmaataati.
60. ” Garaa qabaachuu/dhabuu ” – jechuun, onnee qabaachuu/dhabuu jechuudha.
Kan garaa qabu leeca dura dhaabbata, kan garaa hin qabne hantuuta baqata.
61. ” Guyyaa saafaadhaan waa gochuu ” – jechuun, sodaa fi saalfii malee ifaadhumatti waa
gochuu.
Maal namichi utuma nami arguu guyyaa saafaan nama sobaa ?
62. ” Gufuu karaa irraa ta’uu ” – yeroo hunda namaan walitti bu’uu, walidhabuu
jechuudha.
Inni hamma gufuu karaa irraatii obsaa dhiisaa.
63. ” Gaafa baasuu ” – jechuun, dubbii barbaaduu, dubbiif qophaa’uu jechuudha
Nigusee fi Belay ega Hambisaan wal dhabanii gaafa baasanii turan.
64. ” Gogorrii kiyyoo lixe ta’uu ” – obsaanii garraamii fakkaatanii fucha eeggatanii maayii
ba’uu.
Hattuchii yammuu qabame gogorrii kiyyoo lixe ta’ee booda miliqee ba’e.
65. ” Gabaa galgalaa ta’uu ” – jechuun, wajaawajii, sardama jechuudha.
Walakkaan magaalaa Munich akka gabaa galgalaati.
66. ” Gufuu fi gufaatii ooluu ” – jechuun, rakkina fi hamaan nama hanqachuu jechuudha.
Gufuu fi gufaatii malee bakka fedhan ga’uu.
67. ” Gabaa galte dhufuu/dhaquu ” – jechuun, ega waa darbee waa gochuu, dubbachuu.
Ega gabaan galtee atimmoo irribaa dammaqxe mitii ?
68. ” Harka dheerachuu ” – jechuun, hatuu, waa loosuu jechuudha.
Obbo Juleen harka dheerata jedhanii hamatu.
69. ” Harka muranii dudda irra kaa’uu ” – jechuun, gowwomsuu jechuudha.
Namooti Markatoo harka moranii dudda irra nama kaa’u, yammuu waa gurguratan.
70. ” Harka xinnaachuu ” – jechuun, donnoomuu jechuudha.
Adde Wexeen baayyee harka xinnaatti jedhanii hamatu.
71. ” Harka gogaa ” – jechuun, harka duwwaa jechuudha.
Maal jarana harka gogaa mana jara sana dhaqnaree ?
72. ” Haaduu doomaan nama muruu ” – jechuun, yeroo dheeraa nama rakkisuu, lubbutti
taphachuu.
Poolisiin sun fayila koo dhossee, haaduu doomaadhaan na muraa ture.
73. ” Hidda hin kunnee ” – jechuun, dadhabaa kan waa dhimma hin baafne jechu.
Obbo Qaxxiseen homaa waa hidda hin kutuu hin abdatinaa.
74. ” Hojii ofii nyaachuu ” – jechuun, hammeenyi hojjetame abbaatti deebi’uu jechu.
Namichi hammina akkasii kana hojjete, hojii isaa haa nyaatu.
75. ” Harree waraabesa argite ta’uu ” – na’anii, wareeranii baqachuu.
Nami nama hamatu yammuu namicha argu akka harree waraabesa argitee ta’a.
76. ” Hin qaqqabatin ” – jechuun, yeroo hin balleesin jechuudha.
Maaloo hin qaqqabatinii dafii kottu.
77. ” Hadheessuu ” – jechuun, maqaa namaa balleesuu jechuudha.
Utuu hin hubatin nama hadheesuun gaarii miti.
78. ” Harka qallachuu ” ( jechasafuu ) – jechuun, iyyeessa ( jechasaalfii ) jechuudha.
Namooti harka qalleeyiin gargaaramuu qabu.
79. ” Harka namaan abidda qabachuu ” – jechuun, nama biraatiin maayii ofii ba’uu jechu.
Harka namaan abidda qabachuun nama hin dhibu, nama hin rakkisu.
80. ” Haafa butuu ” – jechuun, kanas sanas walitti haranii haasa’uu, hojjechuu
Qaana’anii haafa butuu salphina guddaadha.
81. ” Harka nyaachuu ” – jechuun, kan nama gargaare deebi’anii miidhuu jechuu
Nami harka nyaatu nama birattis, Waaqayyo birattis cubbamaadha.
82. “ Harree kanniisi ciniine ta’uu ” – jechuun, wareeranii baqatanii baduu.
Indaaqqoti yammuu culullee argan harree kanniisi ciniinte ta’anii buna jala badan.
83. ” Hamma xurii qeensaatti fudhachuu dhiisuu ” – jechuun, tuffachuu, akka hin jirretti
fudhachuu.
Waa hunda hamma xurii qeensaatti fudhachuun gaarii miti.
84. ” Hamma nyaatanii dhugan waa gochuu ” – jechuun, qusii malee humna hamma
qabaniin fayadamuu
Obbo Karrayu hammuma nyaatee dhugu sangaa isaa rukute, abaare.
85. ” Harma jige ” – jechuun, waan takkaa hin deebine jechuudha.
Harma jige, wowwaatee waan fidu tokkoyuu hin qabduu dhiisi.
86. ” Ija fuudhuu dhiisuu ” – jechuun, saalfii dhiisuu jechuudha.
Maal kun kan ija hin fuune kun jarana !
87. ” Itti ciniinachuu ” – jechuun, 1. Obsuu. 2. Hammeenya namatti yaaduu.
1. Itti ciniinadhuu hojii kee fixi . 2. Jarri lamaan baayyee walitti ciniinachaa jiru jedhan.
88. ” Irraa jalaan ” – jechuun, dabaree dabareedhan jechuudha.
Hojii kana irraa jalaan malee si’a tokkoon hojjechuun hin danda’amu.
89. ” Ilkaan namatti qarachuu ” – jechuun, namatti ciniinachuu jechuudha.
Jarri lamaan ilkaan walitti qarachaa jiru.
90. ” Ibsaa gaanii keessaa ” – jechuun, beekumsa dhokataa, ukkaamamaa jechuudha.
Beekumsi of keessatti qabame taa’e ibsaa gaanii keessaati.
91. ” Ija kudhaamachuu ” – jechuun, saalfii dhabuu, ija hin fuunee ta’uu jechuudha.
Jara keenyaa kun ija kudhaamattekaa, takkaa hin saalfattu.
92. ” Ija baachuu dadhabuu ” – jechuun, ijajabaachuu dadhabuu, saalfachuu jechuudha
Hattuun hojii ishee beektiif ija baachuu dadhabdi.
93. ” Jimmaa jimmiitii ta’uu ” – jechuun, callisuu, usuu jechuudha.
Maal jarana akka warra du’aa jimmaa jimmiitii taatanii ?
94. ” Jabbii hidhaa kutatte ta’uu ” – jechuun, gammadanii to’atamuu diduu jechuudha.
Ijoolleen uffata haaraa argatte jabbii hidhaa kutatte taati.
95. ” Jabbii haadha argite ta’uu ” – jechuu, gammadanii burraaquu jechuudha.
Toleeraan waggootii dheeraa boda warra isaa argee jabbii haadha argite ta’e.
96. ” Kan qaban fi kan dhiisan wallaaluu ” – jechuun, waan godhan wallaaluu, rakkachuu
Nami rakkate waan qabu fi waan dhiisu hin beeku.
97. ” Lafeen mormatti nama rakkachuu ” – jechuun, waan dubbatan wallaalanii
rakkachuu.
Maal namicho lafeetu mormatti si rakkatee maaf hin dubbatu ?
98. ” Lafeen lammii nama waraanuu ” – jechuun, seenaan nama gaafachuu jechuudha.
Nama ergaa seenaa irraa maqe lafeen lammii isaa waraanu.
99. ” Lafi namaan galagaluu ” – jechuun, waan godhan wallaalanii fajajuu jechuudha.
Magaalaa Finfinnee keessa badeen lafi gala naan gale.
100. “ Lafa irra nama butuu ” – jechuun, tursuu, dafanii raawwachuu dhiisuu jechuu
Warri biiroo keessaa lafa irra nama butu malee dafanii dhimma namaaf hin baasan.
101. ” Lafa guuruu ” – jechuun, dulloomuu, jaaruu jechuudha.
Namichi sun irraa hin mullatu malee baayyee lafa guureera.
102. ” Muka fi jirmatti bubu’uu ” – jechuun, hundaan wal dhabuu, walitti bu’uu
jechu
Nami machaa’ee muka fi jirmatti bubu’aa deema.
103. ” Muka fi baala waliin dha’uu ” – jechuun, tartiiba malee dubbachuu, hojjechuu
Mee muka fi baala waliin dha’uu dhiisiiti ibsii dubbadhu.
104. ” Muka baala jechuu dhiisuu ” – jechuun, dubbachuu, haasa’uu dhiisuu jechuu
Ani dubbicha dhaggefadheen muka baala utuun hin jedhin deeme.
105. ” Mataa nama maruu ” – jechuun, nama dursuu jechuudha.
Lammessaadhaa dubbachuuf ka’e, atimmoo mataa marte.
106. ” Miilla dhufan/dhaqaniin deebi’uu ” – jechuun, harka duwwaa deebi’uu
jechuudha.
PM Onkolon gargaarsa Aworopaa irraa dhabanii miilluma dhaqaniin deebi’anii galan.
107. ” Midhaan manaduubaa ta’uu ” jechuun, dagatamuu, irraanfatamuu jechuudha
Nami callisaan midhaan manaduubaa ta’a.
108. ” Mataa fi miilla wallaaluu ” – jechuun, namaagaluu diduu, rakkisaa ta’uu jechu
Dubbii kee mataa fi miilla isaa wallaale.
109. ” Mirgaan galuu ” – jechuun, mo’ichaan, injifannoon galuu jechuudha
Nami mirgaan galu hawwaasa keessati ulfina guddaa qaba.
110. “ Muki afaanitti nama cabuu ” – jechuun, waan dubbatan wallaalanii
danqamuu.
Yammuun gaaga’ama sana arge mukatu afaanitti na cabe.
111. ” Mana galgalaa ” – jechuun, egeree, jireenya borii jechuudha.
Waaqayyo mana galgalaa siif haa kennu.
112. ” Muka muka irraa ” – jechuun, kan wabii hin qabne, kan abdii hin qabne
jechuudha.
Wanti isaan dubbatan hundi isaa muka muka irraati.
113. ” Miilla tokkoon dhaabbachuu ” – jechuun, qarqara kufaatii, badii irra ga’uu
jechuu
Biyyi Soriyaa miilla tokkoon dhaabachaa jirti.
114. ” Madaa namaa tuttuquu ” – jechuun, dudubbatanii rakkina nama kaasuu
jechuu
Namichi ofiiyyuu rakkateera maaloo madaa isaa hin tuttuqinaa.
Egaa kunooti, Galaani Afaan Oromoo isa daakanii laafaatti keessaa ba’an miti.
Akkaataan haasotii ( Idioms ) Oromoo yartuu ani dhiyeesse kun, Oromiyaa keessaa kan naannoo
xinnoo tokkooti. Oromiyaa balloo keessa immoo haasoti (idioms) akkasii kun miliyoonan kan
lakkawamantu jiru jedheen amana.