Baacoo
1. Namoota lamatu turan. Inni tokko gaaffii laman qabaa naaf deebistaa? jedhee
gaafate. Namichis “Eeyyee sadi guutuu baattee jennaan, siif na deebisa,” jedheen.
Akkaataa kanaan namichi gaaffii gaafatu sun gaaffii isaa itti fufee gaaffii 1ffaa
gaafate. Inni gaafatames salphaatti deebiseef. Gaaffii 2ffaa itti fufee akkas jedhee
gaafate. “Qeerransi guuguu rifeensa meeqa qabaa?” jedheen. Inni gaafatames
“kuma kudhan qabakaa,” jedhee deebiseef. Gaafatichis “Yoom lakkoofte” jedhee
gaafate. Gaafatamaanis, “Gaaffii sadaffaa akka nan gaafanne waliif hin gallee?”
jedheen jedhama.
Jechamoota fi Hiika isaanii
1.Ijaa fi adaamii -diina, nyaaphaa
2.Abbaa garaa -nyaata kan jaallatu, fedhii isaaf kan jiraatu
3. Eegee qeerransaa - qabuun dhorkaa, waan itti bu’uun hin
barbaachifne
4. Arraba dheerata -dubbii jaallata
5. Garaa nagube -na’aarse ykn naseena’e
6. Nyaara haaddatte -yeelloo dhiifte,qaanii dhiifte,ija mukee
7. Afaan shiishaati -hundumatu kan dhungata
8. Afaan na gogse -haasaa natti baay’ise
9. Afaan goge -dheebote
10. Samii fi dachii -wal’irraa fogoo
11. Fardaa fi lafa -kan waliin hin deemne, wal’irraa fagoo
12. Garaadhaa qaba -haaloo qabatee jira
14. Arba gurraacha -hamaadha, dubbii qaba
15. Funyaan dhaabe -dallane
16. Imaanaa gurgure -gane,waadaa diige
17. Aagii baafachuu -dhiifama gochuu
18. Harka qabate -hojii dhiise
19. Jilba qabate -kadhate
20. Afaanii fi funyaan -walitti dhihoo
21. Balaa baatte -dubbii barbaadde
22. Daaraa hammaare -galata dhabe
23. Fixeensa ganamaa -battalumatti kan badu,kan dhumu
24. Qabaa qeerransaa -qaban gadi hin dhiisan
25. Mudhii soonsaa -bareedduu
26. Nyaara guduunfe -nama jibbe
27.Ija babaase -rifate,sodaate
28. Qalbii jiidhaa -arjaa
29. Isheen gaangeedha -hin deessu
30. Qamaleedha -haxxeedha
31. Foon -fira
32. Miila hidhe -deema dhowwe