Baakteeriyaa Giraam-posativii(eeyyentaa)
Beektoonni waa’ee baakteeriyaa qu’atan baakteerolijiistoota jedhamu. Baakteeroloojistonni gadi-fageenyan waa’ee baakteeriyaa beekuf bakka adda addaatti ramaduun qu’atu. Amaloota adda addaa isaan qaban irratti hunda’un baakteeriyaa gosoota garaagaratti ramadu. Kanneen keessa tokko halleessa Giraamiiti. Halleessuun Giraamii gosa halleessuu gosoota baakteeriyaa addaan haasuuf tajaajiluu yoo ta’u qabiyyee cichaa lubbiyyoo baakiteeriyaa iratti hundaa’uun baakiteeriyaa giraam-posativii(eeyyentaa) fi giraam negativii(Hi'eentaa) addaan baasuuf kan gargaaruudha.
Halleessuun giraamii yaalii karaa baakteeriyaan itti ramadamu ta’e, tooftaa hayyuun “ Hans Christian Gram” bara 1884 baseedha. Maayikiroobaayoloojii keessatti halleessuun Giraamii baay’inaan kan gaggeeffamudha. Malli kunis baakiteeriyaa giraam negaatiivii fi poosatiiviitti addaan baasuuf baay’ee kan gargaaruudha. Dabalataan boca baacteeriyaa adda addaa adeemsa halleessuun kanaan adda baasuun ni danda’ama.
Cichaan seelii baakteeriyaa Giraam posativiiti ta’an halluu Kiristaal vaayoleetii( balcii birdimaa) jedhamu ofirratti qabatanii hambisu Kun immoo yabbina cichaa seelii isaanii agarsiisa.sabaga lubbiyyoo alaa liippoopooliisakaraayidii hinqaban. Cichaan seelii furdaa teekooyiki asiidii qabu qaba. Cichaan seelii isaanii 70-80% peeptidogilayikanii (muureenii) irraa ijaarame. sabaga lubbiyyoo alaa hin qaban.kanaafuu, indootoksiinii hin maddisiisan. Baakteeriyaan dhukkuba fidan muraasni as jalatti ramadamu. Fakkeenya:Baasileesii, kiloosteriidiyeemii, maayikoobaakteeriyeemii fi kkf