BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
Ameerikaan qoqqobbii sababa waraana Tigraayin Ertiraarra keessee turte kaaste
Bulchiinsi Pirezidaant Donald Tiraamp qoqqobbii humna Ittisaa Ertiraa fi dhaabbilee biyyattii tokko tokkorra kaa'amee ture kaasuu beeksise. Murteen kun Jimaata, kaleessaa Fulbaana 18, 2026, Ameerikaadhan beeksifame.
Hidhattooti Huutii magaalaa guddoo Sa'udi Arabiyaatti misaa'ela dhukaasuu himan
Hidhattoonni Huutii Iraaniin deeggaraman magaalaa guddoo Sa'udi Arabiyaa Riyaaditti dirooniifi misaa'ela baalistikii dhukaasuu dubbatan.
'Biraayitan Arsenaal ciibsee irra deeme' - Alan Shiirar
Dorgommiin Piriimeerliigii Ingiliz baranaa erga eegalee Arsenaal tapha Sambata Biraayitan waliin taasiseen 3-0dhaan mo'amuu osoo hin taane, gahuumsa gadaanaa kan itti agarsiisedha.
KALLATTIIN, US waraana Iraaniif baasiin baaste dolaara bil. 43 caale - Gabaasa
Baasiin hanga ammaatti waraanni Ameerikaa waraana Iraan irratti baase gara dolaara biiliyoona 43.6'tti guddachuu gabaafame.
Hoggantoota Afrikaa 10 aangoorra osoo jiranuu ajjeefaman
Paatris Lumumbaa, Toomaas Saankaaraa, Anuwaar Saadaat, Melkiyoor Indaadaayee… tarreen hoggantoota Afrikaa osuma aangoorra jiranuu ajjeefamanii dheeraadha.
'Waan akkasii arginees, eegnees hin beeknu' - Qonnaan bultoota midhaan facaasan lafaa ol hin ba'in hafe
Ongeen kanaan dura bakkaa bakkatti darbee darbee mul'ata kan jedhu jiraataan aanaa Bookee kun, kan baranaa kun guutummaatti ta'uus hima.
Amiish: Hawaasa amantoota Pirootestaantii bilbila, konkolaataafi elektiriikii hin fayyadamne
Ameerikaa daandii baadiyyaa bulchiinsa Pensilvaaniyaa keessatti yoo of argite hawaasa pirootestaantii Amiisha jedhaman geejjibaaf gaarii qofa fayyadamanitti bahuu dandeessa.
Magaalaa guddoo Sa'uudii - Riyaad keessatti maaltu muudate?
Haleellaa gareen hidhattoota Huutii Yaman Sa'uud Arabiyaa irratti raawwachaa jiran hammaachaa dhufuun, magaalaa guddoo biyyattii Riyad keessatti sagaleen yeroo balaadhaga'ameera.
Tiraamp miidiyaalee US- CNN, MS NOW fi Politico Waayit Haawus irraa akka ittisu ibse
Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp miidiyaalee gurguddoo US kanneen akka CNN, MS NOW fi Politico hatattamaan Waayit Haawus irraa akka ittisu ibse.
ABO-WBO dhimma Gamtaa Tsimdoo fi 'Faannoo' Wallaggaa irratti maal jedhe?
ABO-WBO gamtaa humnoota mootummaa Itoophiyaa mormuuf ijaaramanii Tsimdoo jedhamu keessa akka hin jirre ibse.
BPA maali, akkamiin dandeettii dhala godhachuu miidha?
Nagaheen mana nyaataa, suuppermarkeetii yookan meeshaa wayii binnee nuuf kennamu dhuguma fayyaa keenya miidhuu danda'aa?
Haleellaan Abashgee kan lubbuu namoota hedduu galaafate akkamii fi eenyun raawwatame?
Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa Godina Guraagee aanaa Abashgeetti haleellaa wixata darbe raawwatameen namootni nagaa 10'n caalan ajjeefamuu jiraattonni BBCtti himan.
Wal argaan Instagram BBC Afaan Oromoo!
Waan gurra itti qeensitan miidhagsinee ijaafi gurra isin buusna.
BBC Afaan Oromoo TikTokiin dhufe, hordofaa
Odeessa bakka biraatti hin arganne, hawwatoofi isin maalalchiisan argachuuf nama jalqabaa ta’aa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, Paayilatiin US xiyyaara Iraan rukuttee keessaa kufe akkamiin lubbuun oole?
Paayilatiin xiyyaara US Iraan keessatti rukutamee kufe keessaa tokko paaraashuutii malee xiyyaara keessaa lafa dhahe lubbuun ooluunsaa raajii ta'uu dubbate.
Viidiyoo, Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa walqabatee hojii dhaabeera.
Viidiyoo, Faayidaawwan shubbisaa afur amanuuf ulfaatan ogeeyyiin ibsan
Shubbisni sochii qaama qofa isinitti fakkaata ta'a. Garuu sochii sammuu guddaadhas.
Viidiyoo, Gaanfa Afrikaatti biyya kamtu humna qilleensaa Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfaa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, olloonni ishees deeggarsaan humnasaanii cimsachuurratti argamu.
Viidiyoo, Dhimma Afrikaarratti harki mirgaa Tiraamp waan Itoophiyaaf dhaaman
Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Hogganaan Dhimmoota Afrikaa Firaank Gaarsiyaa dhihoo guyyoota shaniif Itoophiyaa daawwataniiru.
Viidiyoo, Chaayinaan waan Itoophiyaa ilaallatuun Masrii deeggaraa jirtii?
Chaayinaan tibbana waliigaltee faallaa Itoophiyaa fakkaatu Masrii waliin mallatteessiteetti.
Viidiyoo, Biyyoota jaha keessatti 'hanna qaama saalaan' namootni 80 ta'an ajjeefaman
''Qaamni saalaa dhabamuu'' maqaa jedhuun odeeffannoon garmalee tamsa'aa ture lubbuu namoota hedduu gaaga'e.
Viidiyoo, Eebbisaan ajjeefamuun akkamiin jireenya maatiisaa miidhe?
Weellisaa Eebbisaa waggaa 30 dura erga ajjeefamee hanga yoonaa haqi isaa hin baane jechuun harmeensaa himatu.
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
Maaltu haasa'ama?
'Harka keenya galeera, ABO-WBO beektaa naan jedhe' - Maatiin Obbo Daani'el maal jedhu?
Haleellaa hidhattoonni Godina Wallagga Lixaa Aanaa Ganjii warshaa oomisha warqii Tulluu Kaappiitti raawwataniin maatiin miseensa maatii dhaban akka qoratamu gaafatan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Waggoota 25'f hidhaatti dabarsaa kan jiran angaa'onni duraanii 'Eertiraa 'Garee 15' gaaffiin isaanii maal ture?
Eertiraan biyya taatee erga hundoofterraa hanga ammaa biyyattii bulchaa kan jiran Isaayyas Afawarqii, angaa'onni jijjiirama siyaasaa akka taasisan isaan gaafatan maqaa 'Garee 15' jedhuun caalaatti beekamu.
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee?
Obbo Taayyee Danda'aa dhuguma sanada dhiifamaa mallatteessuu didee? Hidhamtoonni himanni isaanii akka adda cituuf haaldureen mootuummaan kaa'e maali?
Sababa 'yaaddoo nageenyaan' barattoonni Tigraayitti akka hin ramadamne murtaa'e
Barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo Naannoo Tigraay keessatti barachaa jiran ''komii dhiheeffataniin'' yunivarsiitiiwwan kaanitti ''yeroodhaaf'' akka ramadaman murtaa'e.
'Itoophiyaan Iraanirraa barachuu barbaaddi' - MM Abiy Pirez. Iraaniin maal jedhan?
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii walta'iinsa biyyoota BRICS Hindii gaggeeffame biratti dureewwan garagaraa waliinis mari'ataniiru.
Haleellaa Wallagga Lixaa Warshaa Warqee Tulluu Kaappiitti mudate hanga ammaa kan beeknu
Pirojektiin Warqee Tulluu Kaappii Godina Wallagga Lixaa, aanaa Ganjiitti argamu rakkoo nageenyaa Fulbaana 4, 2026 mudateen yeroof dhaabbachuu Dhaabbanni KEFI jedhamu beeksiseera.
Viidiyoo bootteewwan Wallagga Lixaatti gubatan mul'isu BBC'n mirkaneesse
Konkolaattonni boba'aa baataniifi boottee jedhamanii waamaman Lixa Oromiyaatti gubachuu BBC'n viidiyoowwan qoodamanirraa mirkaneesse.
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
Hidhamtoonni 600 hiikaman, 28 immoo dhiifama diduun hidhaatti hafan
Itoophiyaatti namoota siyaasaa akka Kiristiyaan Taaddalaafaa dabalatee hidhamtoonni 600 ta'an mana hidhaatii hiikamuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.
Taateewwan ijoo Itoophiyaa bara 2018: siyaasa, muddamaafi rakkoo nageenyaa
ALI Bara 2018 Itoophiyaa keessatti wantoota ijoo siyaasaa, nageenyaafi kaan baay'eetu mudate.
Humni qilleensaa biyyoota Gaanfa Afrikaa birqabaan yoo ilaalamu- Biyya kamtu Itoophiyaan dorgoma?
Gaanfa Afrikaatti Itoophiyaan humna guddaa qabaattus, kaanis humnasaanii cimsachuurratti argamu.
Ispoortii
Biraayiten V Arsenaal: Kanaafi tapha biroo AI fi Saatan kennan maal fakkaata?
Taphoota kilaboota Piriimer Liigii Jimaata galgala irraa kaasee dhum-torbee kana gaggeeffaman keessaa kan Arsenaal gara dirree Biraayiten deemuun taphatu akkaan warra eegaman keessaati.
Kaarik ammallee 'dhiibbaan na dhiphisu hin jiru' jechaa jira, garuu dhiphachuu hin qabuu?
Maanchester Yunaayitid Roobii galgala taph Karabaa'oo Kaap marsaa duraarratti Biraayitaniin 3 fi 2'n mo'amee keessaa baheera. Kun ammoo Fulbaana 4 bara 1976 booda yeroo jalqabaatiif dirree isaarratti goolii 2 fi 0n dursaa osoo jiru mo'amuu isaati.
Naayiroobiin Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa 2029 qopheessuu mo'achuun Afrikaaf seenaa guddaadha- Haayilee Gabresillaasee
Atileetii jabaan Itoophiyaa, yeroo lamaaf shampiyoonaa Oolompikii fiigicha meetira kuma kudhanii (10,000m) ta'e, Haayilee Gebrasillaasee, Kibxata ganama "oduu dinqisiisaa" jechuun Afrikaa guutuu baga gammaddan jechuun murtoo seena qabeessa kana hordofee ergaa isaa dabarseera.
Arsenaal taphataa umrii waggaa 16 Maksi Dowmaan kunuunfachuu qaba- Arteettaa
Taphataa ol adeeman dorgommii Waancaa Karabaawoo irratti ga'umsa isaa addunyaatti mul'ise Maksi Dowmaan tumsaa fi hordoffii akka barbaadu leenjisaan isaa Mikeel Arteettaan dubbate.
Atileetiin Itoophiyaa Budaapestitti seenaa hojjette badhaasa birrii miliyoona 24 mo'atte
Atileetiin Itoophiyaa Likkinaa Ambaaw dorgommii Shaampiyoonshiippii Atileetiksii Addunyaa Altimetam jedhamuun Buudaapestitti gaggeeffame m5000 mo'atte.
Galchiin Erliing Haalaand ''dogogora'' jedhame maaliif kenname?
Qaamni bulchiinsa Murteessitoota kubba miilaa Ingilizii galchii Haalaandi lakkoofsise kennuun ''murtoo dogogoraati'' jedhe.
Arsenaal qormaata kamiyyu darbaa jira - Odegaard gahumsa addaarra jira
Arsenaal bara darbe injifannoo waancaa dachaa milkeessuuf fiixeerra gahanii ture. Piriimer Liigii milkeessaniiru, Shaampiyoons Liigii ammoo waancaaf dhiyaatanii peenaaliitiirra gahanii PSGn mo'aman.
Shaampiyoons Liigiin deebiyeera - barana eenyu mo'ata, taphattoota kam daawwachuu hawwitu?
Shaampiyoons Liigiin kilaboota ciccimoo Awurooppaa gidduutti waggaa waggaan gaggeeffamu deebiyeera. Morkii guddaa Waxabajji 5, 2027 Maadiriiditti goolabamu kana mo'atee eenyutu 'waancaa gurra guddatu' kana harka galfata?
Jijjiirraa taphattoota baranaa baayyee qaalii ta'an 20
Kilabooonni Piriimer Liigii bara kana jijjiirraa taphattootaaf baasii seenaa keessatti rikkardii ta'e baasaniiru. Walumaagalatti jijjiirraa ganna baranaa kanaan Paawondii Biuliyoona 3.5 baasaniiru.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Walitti bu'iinsa
Jiruufi Aartii
Ajaa'iba
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.




